- Identität stärken, Integration fördern, Akzeptanz schaffen -

Seena fi hojii Waltajjii Oromoo:

Waltajjiin Oromoo Gaanfa Afrikaa bara 1985 Ijaarame. Ijaarsi kun hawaasa adda addaa tajaajiluff dhabate. Waltajjii kana keessatti Afrikaa, Jarmanii fi namoota biyya adda addaa irra dhufantu walgaya. Waltajjiin Oromo Ijaarsoota "Gumii Baqatoota" jedhaman, kann akka "Flüchtlingsrat, Migrationsrat Berlin - Brandenburg ( MRBB )" fi Gumii Afrikaa ( Afrika Rat) ijaaru irratti qooda guddaa fudhateera akkasumas miseensa ijarsoota kana ti.
Ijaarsichii fi Waltajjiichi ijaarsota Siyaasa Jarmanii biratti akkasumas "Berliner Missionswerk"
fi Hawaasa Jarmanii biratti akka ijaarsa baqatootatti fudhatama fi kabajaa guddaa qaba.
Baqatootni biyyaa kana dhufan keesumaa baqatoota Ganfa Afrikaa irra dhufan akka biyyaa kana dafanii barataan akkasumas aadaa isanni akka hin hiranfanne gargaarsa ni godha. Baqatoota rakkoo qaban tajajiludhan akka gara fuula duratti of dandaani jiratan ni gargaara.


Tajaajila Waltajiin Oromoo kennu:

- Gorsaa fi tajaajili baqatoota fi koolu galaaf ni godhama

- Wara kooluu galaaf, gorsaa fi tajaajili Abukaattoo ( Seera Beektuu ) ni kennama. Tajaajilii kun tola, haa tau malee, bilbilaan beellama qabachuu barbaachisa

- Barumsi wara baqatoota fi koolu galaa gargaaraniif ni gadhama

- Mirga namummaa ( namoomaa ) fi maaliif namni tokko biyyaa isaa gadhiise akka baqatuu ilaalchisee, barumsi ykn, seminarii ni kennama

- Afaan armaan gadii jiraan hiiku irratti ni gargaara: Afaan Oromo, Tigre, Amaaraa, Inglizii, FFaransaayii fi Jarmanii

- Kana malees, waltajjiin kun waan adda addaan isin tajaajiluu dandayaa



Yeroo ykn saatii hojii Waltajjii Oromoo:
Wixata (Dafinoo ykn. Hojjaduree ) - Jimaataa Saatii 10:00 - 16:00 `tti
Qibxata ( Facaasaa ) fi Roobii: Saatii 17:00 - 19:00 `tti
Tajaajili dubartootaaf kennama Beellama bilbilaan fudhachuu dandeesu